Itoophiyaan Dorgommii Atleetiksii Idil-addunyaa Sadarkaa ‘Warqee’ Qopheessuuf Filatamte
Finfinnee, Eebla 10, 2018 (FMC) – Itoophiyaan dorgommii atleetiksii idil-addunyaa dhaabbanni Atleetiksii Addunyaa (World Athletics) sadarkaa ‘Warqee’ kennuuf akka qopheessituuf filatamteetti.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin ergaa dabarsaniin, Atleetiksiin Addunyaa murtee kana kan dabarse qophii waliigalaa Finfinnee Giraand Priiksi, mijataa ta’uu bu’uraalee misoomaa, adeemsa dorgommichaa, deeggarsi akkasumas naamusni ispoortii jiraattota magaalattii waan itti toleef ta’uun eerameera.
Atleetiksiin Addunyaa dorgommii Giraand Priiksi bara 2027 gaggeeffamu Finfinneen sadarkaa ‘Warqee’ tiin akka qopheessitu sagantaa har’aa irratti beeksiseera.
Itoophiyaan dorgommii Giraand Piriiksi sadarkaa ‘Naasii’ qabu yeroo jalqabaaf Finfinnee keessatti haala gaariin waan keessummeessiteef Atleetiksiin Addunyaa carraa kana kenneefii jira.
Dorgommiwwan sadarkaa ‘Warqee’ Atleetiksii Addunyaa, addunyaa irratti magaalota 21 keessatti qofa kan gaggeeffaman yoo ta’u, Finfinneen magaalota kanneen keessatti magaalaa Afriikaa 3ffaa ta’uun galmoofteetti.
#Oromia #Ethiopia