Fana: At a Speed of Life!

Jilli Mootummoota Gamtoomanii, Ambaasaaddaronni fi qooda fudhattoonni Idil addunyaa Maqalee galan

Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC)- Jilli Mootummoota Gamtoomanii, Ambaasaaddaroonni fi qooda fudhattoonni Idil Addunyaa Maqalee galan

Jilichi wayita Buufata xiyyaaraa Aluulaa Abbaa Naggaa gahan Raawwachiistonni Olaanoo Bulchiinsa Imaanaa Naannoo Tigraay, Kantiibaan Magaalaa Maqalee Dooktar Shishaay Amaaaree fi hoggantoonni olaanoo biroon simataniiru.
‎
Jilli Mootummoota Gamtoomanii har’aa eegalee guyyoota lamaaf daawwannaa hojii magaalaa Maqaleetti ni gaggeessa.

‎Akkasumas hoggantoota Olaanoo Bulchiisna Imaanaa naannichaa, Abbootii Amantaalee, Jaarsolii biyyaa fi bakka buutoota hawaasa Siviilii waliin ni mari’atuun eegama.

Deeggarsa namoomaa, buqqatoota deebisanii dandamachiisuu, leenjii haroomsaa biyyaaleessaa akkasumas dhimma nageenyaa naannichaarratti ni mari’atuun eegama jedhameera.

Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.