Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Hawaasaatti rooba cimaa roobaa jiru hordofee hawaasni ofeeggannoo akka taasisu dhaamame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018(FMC)- Magaalaa Hawaasaafi naannawaasheetti rooba cimaa cabbiifi bubbee makatee roobaa jiru hordofee hawaasni ofeeggannoo akka taasisu Bulchiinsi magaalattii hubachiiseera.

Roobni cimaan guyyaa kaleessaa cabbiifi bubbee makatee roobe lubbuu namaarraa miidhaa qaqqabsiiseera.

Miidhaa bu’uuraalee misoomaa irraan gaheenis kutaalee magaalattii tokko tokko keessatti tajaajilli elektirikaa adda citeera.

Bulchiinsi magaalattii miidhaa qaqqabeen gadda itti dhagahame ibsaa, iddoowwan miidhaan gahe ariitiin qaqqabuun miidhamtoota gara mana yaalaa geessuufi miidhaa qabeenyarra gahe adda baasuun hojii deeggarsa taasisuu eegaluu beeksiseera.

Bu’uura odeeffannoo Abbaa Taayitaa Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaan hangi roobaa kun guyyoota itti aananiif cimee kan itti fufu waan ta’eef hawaasni ofeeggannoo akka taasisu ergaan darbeera.

Dabalataanis iddoowwan balaa lolaaf saaxilamoo ta’an adda baasuun balaa cimaan akka hin qaqqabneef hojiileen dursanii ittisuu hojjetamaa jiraachuu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.