Magaalaan Adaamaa fi Magaalaan Dirre Dhawaa qixa bahan
Finfinnee, Ebla 21, 2018 (FMC) – Tapha CBE Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 29ffaan Magaalaan Adaamaa fi Magaalaan Dirre Dhawaa galchii 1 fi 1’n qixa bahaniiru.
Tapha Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Tekinooloojii Adaamaatti sa’aatii 12 irraa eegalee taphatameen Abubakar Saanii daqiiqaa 31ffaa irratti magaalaa Adaamaaf, Abdulsalaam Yusuuf ammoo daqiiqaa 71ffaa irratti Magaalaa Dirre Dhawaaf galchii lakkoofsisaniiru.
Taphoota liigichaa dursa taphatamaniin Madiin Itiyoophiyaan Magaalaa Hawaasaa galchii 2 fi 1’n akkasumas Machaal Itiyoo-Elektirik galchii 1 fi 0’n yoo injifatan Magaalaan Shaggariifi Walaayittaa Diichaan galchii malee qixa bahaniiru.
#Oromia #Ethiopia