Manni marichaa wixinee baajataa bara 2019’f dhiyaate koree dhaabbiif qajeelche
Finfinnee,Waxabajjii 4, 2018 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummaataa wixinee baajataa bara 2019 Birrii tiriiliyoona 2 fi biiliyoonaa 300 fi biiliyoona 39 ol ta’uun dhiyaate qorachuun koree dhaabbiif qajeelcheera.
Manni marichaa walga’ii idilee har’a gaggeesseen wixinee baajataa bara 2019 irratti mari’ateera.
Birriin tiriiliyoonni 2 fi biiliyoonni 300 fi biiliyoonni 39 fi miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 68 ol baajata mootummaa Federaalaa bara 2019 ta’uun dhiyaatera.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen wixinee dhiyaate ilaalchisee ibsa bal’aa taasisaniiru.
Miseensonni mana marichaas wixinee dhiyaaterratti yaada qaban erga dhiyeessaniin booda wixinichi Koree Dhaabbii Dhimmoota Pilaanii fi Baajataaf qajeelfameera.
Balaay Tasfaayeetiin
#Oromia #Ethiopia