Fana: At a Speed of Life!

Mareen biyyaalessaa tokkummaa fi kabaja Itiyoophiyaa cimsa – Abbootii Amantaa

Finfinnee, Adoolessa 25, 2018 (FMC) – Mareen biyyaalessaa tokkummaa fi kabaja Itiyoophiyaa cimsa jedhan Abbootiin Amantaa Yaa’ii Maree Biyyaalessaarratti hirmaachaa jiran.

Adeemsi marichaa hirmaachisaa, hammataa fi bilisummaan ta’uun isaa nageenya Itiyoophiyaa waaressuu, waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi biyya cimtuu ijaaruuf abdii haaraa ta’uu kaasan.

Maree kun akka sirnaan barru, waldhageeffannu, walkabajnuu fi waliif yaadnu nu gargaarera jedhan.

Kunis Itiyoophiyaanonni hundi jaalala, misoomaa fi nageenya kan barbaadu ta’uu hubachuurra darbee Itiyoophiyaa badhadhaate dhaloota dhaalchuuf boqonnaa murteessaa ta’uu dubbatan.

Ajandaaleen biyyaaf fayyadan irratti yaada keenya bilisaan ibsachuun mari’achuun marichaan booda Itiyoophiyaaf abdii gaariin jiraachuu kaasan.

Yaadawwan Itiyoophiyaa gara fuulduraatti ceesisuu danda’an ka’anii, irratti mari’atamaa akka jiru eeran.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.