Fana: At a Speed of Life!

Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa egeree ijaaruuf boqonnaa haaraa baneera- Mari’attoota

Finfinnee, Hagayya 14, 2018 (FMC)- Mariin biyyaalessaa waliigaltee waloo uumuufi Itiyoophiyaa egeree ijaaruuf boqonnaa haaraa baneera jedhan mari’attoonni Yaa’ii Marii Biyyaalessaa.

Marichi nageenya, tokkummaa fi badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf bu’uura cimaa ta’uus kaasaniiru.

Yaa’icharratti hirmaachaa kan jiran Kaapteen Salamoon Gizaaw, marichi nageenya waaraa fi guddina biyyattii bu’uura cimaa irratti hundeessuuf gargaara jedhan.

Kunis dhaloota egereef Itiyoophiyaa fooyyofteefi badhaate dabarsuuf carraa gaarii ta’uu ibsaniiru.

Marii kanarratti waliif yaaduu fi rakkoo warreen kaanii akka kan ofiitti ilaaluu mul’achuu kaasanii, gurmaa’iinsi gareewwaniis yaada bilisummaan calaqisiisuuf haala mijataa uumuu dubbataniiru.

Mari’attuun biraa aadde Salaam Waaqoo gamasaaniin, waltajjichi rakkooleef mariin furmaata barbaaduun akka danda’amu kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.

Adeemsa marichaa keessatti yaadni hirmaattota hundaa qixa dhaggeeffatamuu akkasumas walkabajaa fi walgaltee kan mirkaneesse ta’uus eeraniiru.

Marichi Itiyoophiyaanonni kutaalee biyyattii hundarraa fi biyyoota alaa irraa dhufan biyya isaanii gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf irratti kan mari’atan ta’uu kan ibsan ammoo Kumaalaa Baashaa Tarrafaa Walaaniidha.

Adeemsi marichaa kutaalee hawaasaa hunda kan hirmaachise ta’uu kaasanii, waltajjichi nageenya waaraa, obbolummaa fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf qooda olaanaa akka qabu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.