Fana: At a Speed of Life!

Mariin garee Tarsiimawaa har’as itti fufee oole

Finfinnee, Adoolessa 23, 2018 (FMC) – Yaa’iin Maree Biyyaalessaa garee tarsiimawaa 16 miseensota 250 qabuun gurmaa’uun mariin mari’attootaa har’as itti fufee ooleera.

Gareewwan tarsiimawaa 16, kanneen miseensota 250 of keessatti hammatan, yaada ajandaa gareewwan xixiqqaa fi gareewwan gadii irraa walitti qabamanii qindaa’an irratti kaleessa Adooleessa 22, 2018 irraa eegalee mari’achaa jiru.

Marii kaleessa gaggeeffame keessatti, miseensonni gareewwan tarsiimawaa 16, kanneen miseensota 250 qaban, yaadota ajandaa garee tokkoon tokkoon irraa filataman namoota 25n qindaa’an dhaggeeffataniiru.

Akkasumas miseensonni gareewwan tarsiimawaa kunneen yaadota gareewwan xixiqqaa fi gareewwan gadii keessatti ka’an, kanneen gabaasa marii keessatti hin hammatamne ykn sirriitti hin ibsamne jedhan dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

Gareewwan tarsiimawaa kunneen oolmaa har’aan yaadoonni ka’an itti dabalamuun qaboo yaa’ii irra deebiin gurmeessuun kan waloo taasisuu fi marii itti aanu kan gareewwan 8 fi mari’attoota 500 of keessaa qabuuf qophii gochaa oolaniiru.

Guyyaa boruu, Yaa’ii Marii Biyyaalessaa keessatti adeemsa murtii kennuu irratti gargaarsa kan taasisan bakka bu’oota naannolee (bulchiinsa magaalaa) fi mootummaa federaalaa filachuun ni gaggeeffama.

Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti!

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.