Fana: At a Speed of Life!

Michummaa fi Ollummaa Dippiloomaasiin dagaage

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2019 (FMC)- Hariiroon Itiyoophiyaa fi Keeniyaa gidduu jiru hariiroo biyyoota ollaa, michooma dippiloomaasii, tumsa nageenyaa fi walitti hidhamiinsa dIinagdee irratti hundaa’eedha.

Biyyoonni lamaan daangaa waloo kan qabaniif, nageenya daangaa, daldala, geejjiba, anniisaa fi misooma naannawaa irratti fedhii waloo qabu.

Tumsi biyyoota lamaan gidduu jiru dameewwan hedduutti babal’achaa jira.

Keessumaa waliigaltee tumsa ittisaa, daldala daangaa ce’aa, dhiyeessii elektirikii fi pirojektoota geejjibaa irratti tarkaanfiiwwan haaraan fudhatamaniiru.

Biyyoonni lamaan yeroo dheeraaf hariiroo mootummaa fi uummataa gidduu jiru cimsuuf hojjechaa turaniiru.

Daawwannaan hoggantootaa, mariin ministirootaa fi waliigalteewwan tumsa dameewwan adda addaa irratti taasifaman hariiroo biyyoota kanneenii cimsaniiru.

Nageenyi daangaa biyyoota lamaanii, tasgabbii gaanfa Afrikaa keessatti gahee olaanaa qaba.

Keeniyaa fi Itiyoophiyaan shororkeessummaa, daldala meeshaalee seeraan alaa, daddabarsa namootaa fi yakka daangaa ce’aa ittisuuf tumsa damee nageenyaan qabaniidha.

Biyyoonni lameen gama daldalaa fi walitti hidhamiinsa diinagdeenis hidhata cimaa qabu.

Hariiroon daldalaa biyyoota lamaan gidduu jiru carraa hojii uumuu, oomisha gabaa fi jireenya uummata fooyyessuuf barbaachisaa dha.
Keeniyaan Buufata Doonii Laamuu, Sudaan Kibbaa fi Itiyoophiyaa walqunnamsiisu irratti Itiyoophiyaaf tumsa taasisaa jirti.

Kanaanis Itiyoophiyaan filannoowwan geejjibaa fi galtee meeshaalee ishee babal’ifachuu dandeessi.

Buufatni doonii Laamuu fi daandiiwwan isaan walqabatan daldala naannawichaa guddisuuf carraa bal’aa uumu.
Dameen anniisaa bu’uura hariiroo diinagdee biyyoota lamaanii isa birooti.

Itiyoophiyaan anniisaa elektirikii maddisiistuu Keeniyaaf dhiyeessuun walitti hidhamiinsa diinagdee ishee guddisaa jirti.

Baatii tokko dura Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi hoggantoonni biyyoota Afrikaa biroo bakka argamanitti buufata calaltuu Boba’aa Doolaara biiliyoona 16 oliin Laamuutti ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’uun ni yaadatama.

Piroojektii buufata boba’aa calaluu fi Baha Afrikaatti isaa guddaadha.

Piroojektichi hariiroo daldalaa fi bu’uuraalee misoomaa murteessaa ta’ee, walitti hidhamiinsa biyyoota lamaaniif gahee olaanaa bahata.

Guyyaa har’as Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kabaja guyyaa yaadannoo maashuujaa gootoota Keeniyaarratti keessummaa kabajaa ta’uun Keeniyaatti argamuun hariiroon biyyoota kanneenii cimaa ta’uu daran kan calaqqisiseedha.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.