Fana: At a Speed of Life!

Milkaa’inoonni damee hawaasummaa yeroo gabaabaa keessatti hin mul’atan – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Milkaa’inoonni damee hawaasummaa yeroo gabaabaa keessatti hin mul’atan jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waltajjii milkaa’inoota damee hawaasummaan waggoottan darban galmaa’an irratti xiyyeeffachuun mata duree “Milkaa’ina misooma hawaasummaa ijaarsa biyyaaf” jedhuun qophaa’eerratti argamuun ibsa taasisaniiru.

Yoo hojjennee fi dhamaane bu’aa galmeessuu dandeenya jedhan.

Milkaa’inni damee hawaasummaa akka bu’uuraalee misoomaa biroo saffisaan mul’achuu baatus waarummaa biyyaalessaaf bu’uura murteessaa ta’uu eeran.

Itiyoophiyaan qormaatilee hedduu keessatti hanga yaadamee ol saffisa olaanaan guddachaa jiraachuu kaasan.

Hojiileen dhaabbilee fayyaa dhuunfaan hojjetamaa jiran jajjabeessadha,garuu caalmaatti cimsuu barbaada jedhan.

Dameen barnootaa qaama miidhamtoota akka hammatan yaaliin taasifameera, haa ta’uutii ijaarsi manneen barnootaa qaroo dhabeeyyii daran qaalii waan ta’aniif fedhii jiru guutummaatti guutuun rakkisaadha.

Itiyoophiyaaf sadarkaan amma irra jirtu hin maluuf, bakka ishee madaaluun gahuuf hojjechuun murteessaadha.

Egeeree Itiyoophiyaa ijaaruuf rakkoolee jiran dandamachuun ciniinnatanii hojjechuun akka barbaachisu yaadachiisan.

Dhaloota qajeelaa, ga’oomee fi biyya ijaaruuf hojjetu horachuun har’a ta’uu ibsan.

Sababa Waraana Baha Giddugaleessan baatiwwan lamaan darban keessa qofa Boba’aaf mootummaan % 100 deeggarsa dabalataa taasisuu eeruun, kanaanis ji’aan deeggarsa Birrii biiliyoona 20 taasisaa jiraachuu ibsan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.