Fana: At a Speed of Life!

Mootummaa fi biyya cimaa ijaaruuf murannoon ni hojjenna – Miseensota Caffee Oromiyaa

Finfinnee, Fulbaana 19, 2019 (FMC) – Imaanaa Ummataan nutti kenne amanamummaan raawwachuun Mootummaa fi biyya cimaa ijaaruuf murannoon ni jedhan Miseensotni Caffee Oromiyaa bara hojii Caffee 7ffaa.

Imaanaa filannoo marsaa 7ffaan ummanni nu kenne amanamummaa fi ga’umsaan bahuun Waggoota itti aanan keessa rakkoolee bulchiinsa gaarii, hawaasummaa, nageenyaa fi malaammaltummaa jiran hiikuun biyyaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf ni hojjenna jedhan.

Milkaa’inoota akka biyyaa fi akka naannootti waggoota darban keessa argaman caalmaatti cimsuuf ummataa fi mootummaa waliin walhubannaa fi qindoominaan kan hojjetan ta’uu eeran.

Sirna cimaa boqonnaa qabsoo amma jiru sadarkaa caalutti ceesisuu danda’u ijaaruuf of qopheessuu dubbatan Miseensonni Caffee Godinaalee Oromiyaa garagaraa kunneen.

Karoora mootummaarratti ummataaf hubannoo uumuu fi fedhii ummataa ammoo mootummaa hubachiisuun imala badhaadhinaa kallattii hundaan milkeessuuf haqummaa fi qulqullummaan tajaajiluuf qophummaa qabaachuu kaasan.

Caffeen kun caffee hawaasa kallattii hundaan ceesisu, gaaffilee ummataa deebisu, rakkoolee hawaasaa sirreessuu fi caffee ummata bakka bu’e haqaan tajaajilu jennee abdanna jedhan.

Akkaataa waadaa galleen hawaasa keenya murannoo fi miira itti gaafatamummaan tajaajiluuf qophoofnerra jechuun himan.

Caffeen Oromiyaa kaleessa Yaa’ii duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii Caffee 7ffaa Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti gaggeessuun ifatti hojiilee eegaluun kan yaadatamuudha.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.