Mootummaan Ida’amuu Badhaadhina Waarawaa Mirkaneessuu fi Dhaala Dhalootaaf Tursiisuuf Hojjechaa Jira — Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019 (FMC) — Mootummaan Ida’amuu biyya badhaadhina waarawaa mirkaneeffatteeijaaruu fi dhaala dhalootaaf tursiisuuf hojjechaa jiraachuu Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Ministirri Muummee Itti Aanaan sirna jalqabsiisa ijaarsa Gamoo Masaraa Mootummaa Naannoo Amaaraa irratti akka dubbatanitti, tattaaffiin Mootummaa Ida’amuu nageenyaafi misoomaaf dursa kan kenne dha.
Mul’atni Mootummaa Ida’amuu aangoo mootummaa har’aa irra ce’uun biyya badhaadhina itti fufiinsa qabdu ijaaruu fi dhaala dhalootaaf tursiisuu ta’uu kaasaniiru.
Warqii irraa kaasee hanga boba’aatti, hidha irraa hanga riizoortii turizimiitti, misooma humna namaa irraa kaasee hanga misooma magaalotaatti hojiiwwan misoomaa dhalootatti ce’an ciminaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu dhaabbilee bulchiinsaa cimaa ijaaruu ilaalchisee mul’ata qabu Naannoo Amaaraatti hojii irra oolchaa jiraachuu kan ibsan Tamasgeen Xurunaa, ijaarsi gamoo masaraa mootummaa naannichaa kanaaf agarsiistuu ta’uu dubbataniiru.
Gamoon masaraa mootummaa ijaaramaa jiru aadaa fi duudhaa kabajamaa akkasumas seenaa uummata Amaaraa yaadachiisuuf, masaraawwan duraanii haaromsuufi gamoowwan haaraa qulqullinaan ijaaruun dhalootaaf dabarsuuf tattaaffii taasifamu keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Pirojektiin kun naannoo hojii fooyyessuu fi dhaabbilee cimaa sadarkaa isaanii eegatan ijaaruu mul’ata godhatee kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.
Akkasumas, Magaalaa Baahir Daar Hara Xaanaatti hidhuun dandeettii magaalattii guddisuuf kan gargaaru ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi gamoo kanaa duudhaa fi amala adda addaa naannichaa irraa ka’uun ogeessota biyya keessaa kan qophaa’e yoo ta’u, ammayyummaa yaada dhalootaan biyya keessatti dagaage waliin kan walitti maku ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, gamoo masaraa mootummaa naannichaa bakka Xaanaafi Abbayyaan itti mul’atan, naannoo Xaanaa jedhamutti ijaaramuuf jiruuf filannoo bakkaafi dizaayinii irratti yaada kennaniif galata dhiyeessaniiru.
Pirojektiin kun waajjiraalee ammayyaa, wiirtuu konfiransii fi bakka keessummoonni itti boqotan kan hammatu ta’uu ibsaniiru.
Miidhagina uumamaa Magaalaa Baahir Daar ogummaa ijaarsaa ammayyaa waliin walitti makuun hawwata turizimii fi dandeettii dinagdee magaalattii kan guddisu ta’uu dubbataniiru.
Jalqabbiin ijaarsa gamoo kanaa uummata sagalee isaa kenneef deebii hojii irratti hundaa’e kennuu agarsiisa kan jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan, mootummaan bulchiinsa gaarii fi kenninsa tajaajilaa fooyya’aa mirkaneessuuf dhaabbilee ammayyeessuuf kutannoo qabaachuu isaa kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.
Laykun Alamtu gabaase
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa