Olka’iinsa Finfinnee Ciminaafi kutannoon argame
Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Magaalaa Finfinnee akka maqaa ishee miidhagduu, hawwattuu fi jiraattootaaf mijattuu taasisuuf hojiin hojjetame roga maraan bu’aa qabatamaa galmeessera.
Pirojektoonni gurguddoofi hojiiwwan misoomaa hojjetaman fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessurra darbee magaalaa hawwattuu magaalota biroof fakkeenya badhaadhinaa taate taasiseera.
Waggoota shanan darban keessatti pirojektoonni fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan kumni 60 ol xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Bara 2018 keessa qofa pirojektoonni kumni 20 ol xumuramuun tajaajilaaf eegalaniiru.
Waggoota shanan darbanitti bu’uuraaleen misooma daandii ijaaraman, magaalattiif ammayyummaa dabaluu bira darbee, jiraattonni nageenyi isaanii eegamee akka socho’aniif haala mijataa uumaniiru.
Bal’inaafi qulqullina uwwisa daandiiwwanii guddisuun sochii geejjibaa saffisiisera.
Haala jireenya jiraattotaa fooyyessuuf karoorfamee hojiirra ooluun hojii haaromsa magaalaa illee, Finfinneen saffisaan akka haaromfamtu, akkasumas karoora Finfinnee jijjiiruuf yeroo darbe “hin danda’amu” jedhamee cufamee ture gara hojiitti akka jijjiiramu taasiseera.
Hojiileen misooma magariisaa hojjetamaniin, uwwisa magariisummaa % 2.8 irraa gara d% 24’tti guddiseera.
Kunis Finfinneen magaalota Afrikaa qulqulluu 10 keessaa tokko akka taatu godheera.
Milkaa’inni bu’uuraalee misoomaa Finfinnee keessatti galmaa’an, jiraattotaaf tajaajila ammayyaa kennuu bira darbee, magaalattiin bakka turistoonni keessa darbanii qofa turan irraa gara bakka turistoonni itti daawwannaa godhanitti akka ceetu taasiseera.
Konfiransii Turizimii ilaalchisee, bara 2018 keessa qofa Finfinneen waltajjiiwwan idil-addunyaafi Afrikaa 220 ol keessummeessuun haaromsa ishee mirkaneessiteetti.
Hojiileen cichoominaafi murannoon hojjetaman kunneen bara olka’iinsa Finfinnee labsuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia