Oromiyaatti duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 466 dhaabuuf qophiin xumurame- Biiricha
Finfinnee, Adoolessa 24, 2018( FMC)- Naannoo Oromiyaatti duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 400 fi miiliyoona 66 dhaabuuf qophiin xumurameera jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.
Hogganaan Biiricha obbo Geetuu Gammachuu qophii duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Naannichatti bara kana lafa heektaara miiliyoona 1 fi kuma 100 irratti biqiltuu biiliyoona 4.8 dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti biqiltuu biiliyoonni 3.5 dhaabbachuu eeraniiru.
Naannichatti waggoottan 7 darban keessa biqiltuuwwan biiliyoonni 28.2 lafa heektaara miiliyoona 8.2 irratti dhaabbachuu yaadachiisaniiru.
Uwwisni bosonaa naannichaas %29’tti guddachuu kaasaniiru.
Biqiltuuwwan waggoottan darban keessa dhaamaban %85 latuus ibsaniiru.
Miidhagsaa Qachaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia