Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon Dooktar Abiy Ahimadiif ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 26, 2019 (FMC)- Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin Ministira Muummee Itiyoophiyaa ta’uun moggaafamuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon ergaa isaaniin, Dooktar Abiy Ahimad marsaa lammaffaaf Ministira Muummee Itiyoophiyaa ta’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan waan filatamtaniif baga gammaddan jedhaniiru.

Itti gaafatamummaa haaraan hoggansa fi mul’ata Dooktar Abiy Ahimad biyya isaaniif qabaniif sagalee uummanni kenneef ta’uu ibsuun, bara hojii gaarii akka ta’uufiif hawwaniiru.

Keeniyaan bu’uura faayidaa waloo fi dhimmoota naannawaan mootummaafi uummata Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuus mirkaneessaniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.