Fana: At a Speed of Life!

Pirojektii naannawaa gammoojjii dheebuu baase

Finfinnee, Fulbaana 18, 2019( FMC)- Waggoota dheeraaf jiraattonni naannawaa gammoojii biyyattii haganatti xiyyeeffannoo mootummaa argachaa hin turre.
 
Jijjiiramaan as garuu Mootummaan Ida’amuu naannawaa kanneeniif xiyyeeffannoo kennuun hojiilee misoomaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hedduu hojjeteera.
 
Hojiilee naannawaa kanneenitti hojjetaman keessaa ammoo ijaarsi pirojektiiwwan Finnaa adda durummaan kan ka’udha.
 
Pirojektiin kun naannawaa hongeen miidhame deebisee misoomsuun oomishaafi oomishtummaa horsiisee bultootaa guddisuu danda’eera.
 
Godinaaleen Kanaan dura irra deddeebiin hongeef saaxilamaa turan pirojektii Finnaatti dhimma bahuun oomisha qamadii boneefi kuduraaleefi muduraalee oomishuu danda’aniiru.
 
Godinaalee kanneen keessaa godinni Boorana Bahaa tokko yoo ta’u, Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad baatii Caamsaa 2018 keessa Godinicha aanaa Liibanitti kilaastara misooma qamadii wayita daawwatan, Uummanni Booranaa waggoota lama sadii dura hongee cimaan miidhamee akka ture yaadachiisanii turan.
 
Haa ta’u malee bara 2018’tti aanaa Liibanitti lafti heektaarri kumni 200 fi kumni 50 qamadiin uwwifamuu fi  bishaan gahaan yoo argame kanaa ol misoomuu akka danda’us dubbataniiru.
 
Milkaa’inni akka aanichaatti argame kun jijjiirama pirojektichi fidaa jiruuf ragaadha.
 
Pirojektii kanaan hawaasni duraan horsiisa loonii qofaan jiruufi jireenya isaa gaggeeffachaa ture, oomisha midhaanii irrattis akka hirmaatu gochuun diinagdee isaa akka guddifatuuf daandii saaqeera.
 
Sosochiin misooma qonnaa naannawaa kanneenitti eegalame tattaaffii biyyattiin wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf taasiftu kan deeggarudhas.
 
Pirojektichi aadaa hojii haaraa uumuun oomishaafi oomishtummaa horsiisee bultootaa guddisuu bira darbee rakkoo hanqina bishaanii furuun namaafi beelladaa dheebuu baasuu keessattis gahee leencaa bahataa jira.
 
Pirojetoonni Finnaa xiyyeeffannoo mootummaan kenneen godinaalee gammoojjii Oromiyaa garaagaraa keessatti hojjetamaa kan jiran yoo ta’u waggoota muraasa keessatti jiruufi jireenya hawaasa naannawaa gammoojjii irratti jijjiirama qabatamaa argamsiisaniiru.
 
Akka ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame mul’isutti bara 2018’tti lafa hektaara kuma 27 fi 500 misooma jallsiif qopheessuun abbootii warraa kuma 100 fi kuma 73 fi 453 fayyadamoo gochuun danda’ameera.
 
Hojiileen qabatamaan jireenya lammiilee jijjiiruu irratti xiyyeeffatan cimanii  yoo itti fufan imala badhaadhinaa biyyattiin eegalte galmaan gahuuf haala kan mijeessanidha.
 
Ayyaanaa Dheeressaan.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.