PSGfi Atileetikoo Maadriid tapha walakkaa xumuraaf darban
Finfinnee, Ebla 6, 2018(FMC) – Tapha deebii nuusa xumuraa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa halkan kana taphatameen PSGfi Atileetikoo Maadriid tapha walakkaa xumuraaf darbaniiru.
PSG’n har’a galchii 2 fi 0’n Liiverpuul injifachuun dhaqaa gala galchii 4 fi 0’n injifachuun tapha walakkaa xumuraaf gaheera.
Atileetikoo Maadriid har’a galchii 2 fi 1’n injifatamus dhaqaa galchii 3 fi 2’n Baarseloonaa injifachuun walakkaa xumuraaf gahuu mirkaneeffateera.