Sanyiiwwan bunaa oomisha olaanaa kennanii fi qilleensa naannoo dandamatan qonnaan bultootaaf dhiyaachaa jiru – Giddu galicha
Finfinnee, Fulbaana 29, 2019(FMC) – Giddugalli Qorannoo Qonnaa Jimmaa, sanyiiwwan bunaa omishitummaa olaanaa qabanii fi qilleensa naannoo dandamatan qorannodhan argate qonnaan bultootaaf dhiyyesssaan jira jedhe.
Giddugalichi waggoottan 55n darban keessa teeknoolojii fi sanyiiwwan bunaa fooyya’an maddisiisuu, baay’isuu fi babal’isuun hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an hojjechaa akka jiru Daariktarri Giddugalichaa Obbo Lammii Beeksisaa himaniiru.
Hanga ammaatti gosoota sanyiiwwan bunaa fooyya’oo, dhukkuba dandamataniifi qulqullina qaban 51 qorannoon argatee bifa sanyii fi biqiltootaatiin waggaa waggaadhaan qonnaan bultootaaf raabsaa turuu yaadachiisaniiru.
Giddugalichi teeknoolojii sanyiiwwan bunaa diqaalonsan haarawaa qonnaan bultootaaf dhiheessuudhaan oomishtummaa fi qulqullina bunaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjechaa jiras jedhan.
Qonnaan bultoonni sanyii fi teeknoolojii bunaa kana fayyadamuu eegalanis, sanyiin bunaa fooyya’oon dhiyaataniif kunneen, sanyiiwwan duraan fayyadamaa turan caalaa oomishtummaa guddaa akka qaban himaniiru.
Kana malees, dhukkuboota kan dandamatanii fi waggaa waggaan oomisha olaanaa kan kennan ta’uu ibsaniiru.
Giddugalli Qorannoo Qonnaa Jimmaa teeknoolojiiwwan qorannoo qonnaa babal’isuudhaan sadarkaa qulqullinaa fi fedhii bunaa gabaa addunyaa fi biyya keessaa guutuuf hojiiwwan gurguddoo hojjechaa kan jiru ta’uu fi fuuldurattis deeggarsa teeknikaa qonnaan bultootaaf kennu cimsee kan fufu ta’uu ibsaniiru.
Tasfaahun Kabbadaatu gabaase.
#MootummaaIda’amuu