Seenaa haaraa galmeessisuuf…
Finfinnee, Adoolessa 24, 2018(FMC) – Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf karoorri qabame hojiitti jijjiiramaa jira.
Hanga ammaattis biqiltuuwwan biliyoonni 4 ol dhaabamuu ragaan Ministeera Qonnaa ni mul’isa.
Duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoon biqiltuuwan miliyoona 800 dhaabuuf guyyaa sadii qofatu hafe.
Adoolessa 27, 2018 Itiyoophiyaanonni ammas seenaa haaraa galmeessisuuf beellama qabataniiru!
Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaanonni hundi guyyaa kana tumsaan ba’uun abdii akka dhaaban, seenaa haaraa akka galmeessan dhaamuun isaanii ni yaadatama.
Isin hoo, qaama seenaa kanaa ta’uuf qophooftanii?