Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Arsenaal tapha xumuraaf darbe
Finfinnee, Ebla 27, 2018 (FMC) – Tapha Walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan halkan kana taphatameen Arsenaal Atileetikoo Maaadriid injifachuun tapha xumuraaf darbe.
Arsenaal tapha deebii har’a taphatameen galchii 1 fi 0’n, dhaqaa gala galchii 2 fi 1’n Atileetikoo Maadriid injifachuun tapha xumuraaf darbeera.
Arsenaal waggoota 20 booda bara kana tapha tokkooniyyuu osoo hin injifatamin yeroo 3ffaa tapha xumuraaf gaheera.