Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan morkiin har’a PSGn Baayerni Muunik waliin taasisu ni eegama

Finfinnee, Ebla 20, 2018 (FMC) – Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa tapha walakkaa xumuraa marsaa jalqabaan morkiin har’a PSGn Baayerni Muunik waliin taasisu ni eegama.

Taphni walakkaa xumuraa marsaan jalqabaa kun har’a halkan sa’aatii 4:00 eegalee taphatama.

Baayerni Muunik yeroo 6 shaampiyoonaa waltajjichaa yoo ta’u, PSGn ammoo yeroo jalqabaaf bara darbe shaampiyoonaa ta’e.

PSGn tapha nuusa xumuraan Liiverpuul dhaqaa gala galchii 4 fi 0’n injifachuun walakkaa xumuraaf darbe.

Baayerni Muunik gama isaan tapha nuusa xumuraan Shaampiyoonaa yeroo 15 Riyaal Maadriid dhaqaa gala galchii 6 fi 4’n injifachuun walakkaa xumuraaf gahuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.