Shira diinaaf iddoo hin qabnu, caalmaatti Itiyoophiyaa guddoo ijaaruuf murannoon hojjenna – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Shira diinaaf iddoo hin qabnu, caalmaatti Itiyoophiyaa guddoo ijaaruuf murannoon hojjenna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Itiyoophiyaan raajidha, diinonni wayita kufaatii Itiyoophiyaa yaadan Itiyoophiyaan ni kaati, ni dadhabdi jedhanii wayita hawwan cimtee mul’atti, ni bittinnoofti, dhumateefira jedhanii yeroo dhiichisan walitti qabamtee tokkummooftee argamti jechuun himan.
Itiyoophiyaan ijoollee injifatan malee kan injifataman hin qabdu, Shira diinootaa fashaleessuun fedhii ishee qabatamaan ni dhugoomsiti jechuun hubachiisan.
Daandiin Ida’amuu rakkoolee Itiyoophiyaa furuuf kan dandeessisu qaroomina haaraa mandhalee ta’uu eeruun, karra galaanaa argachuuf murannoon ni hojjenna jedhan.
Dijiitaal Itiyoophiyaan Qaroomina Egeree Itiyoophiyaaf utubaa ta’uu kan himan Dooktar Abiy, siyaasa tarsiimawaan cimnee hojjechuun naannawaa Afrikaa Bahaa keessatti dantaa keenya ni eegsifanna jedhan.
Daandiin waggoota darban irra dhufne akka Koriidarii kan sirratan, akka misooma lageeniin kan miidhagan hin turre, qormaata cimaan keessa darbarre jechuun eeran.
Diinota keessaafi alaa qindaa’uun Itiyoophiyaa xiqqeessuuf yaalaniif iddoo hin qabnu caalmaatti Itiyoophiyaa guddoo ijaaruuf murannoon ni hojjenne jechuun mirkaneessan.
Siifan Magarsaatiin
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGudda