Sonni Diijitaalaa nageenyummaan isaa eegame birmadummaa biyyaaf bu’uura – Aadde Tigist Hamiid
Finfinnee,Waxabajjii 17, 2018 (FMC) – Sonni Diijitaalaa nageenyummaan isaa eegame birmadummaa biyyaaf bu’uura jedhan Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Aadde Tigist Hamiid.
Nageenya Saayibarii Itiyoophiyaa tarsiimoo ijoo misooma fi nageenya biyyaalessaa taasisuun hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Yaa’iin Nageenya Saayibarii fi Hubannoo Namtolchee Idil Addunyaan 3ffaan har’a eegaleera.
Yeroo ammaa Nageenyi saayibarii hojii teeknikaa irraa gara tarsiimoo addunyaa dursi kennamuufitti ce’uu dubbatan Aadde Tigist Hamiid yaa’icharratti ergaa dabarsaniin.
Sonni Diijitaalaa nageenyummaan isaa eegame birmadummaa biyyaaf bu’uura ta’uu hubachiisan.
Zaman Bayyanaatiin
#Oromia #Ethiopia