Fana: At a Speed of Life!

Taatee seena qabeessa aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa bu’uurarraa jijjiiru…

Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa taatee seena qabeessa aadaa siyaasaa biyyattii bu’uurarraa kan jijjiirudha.

Jalqabbiin kun siyaasa qawweerraa gara mariitti, waliigaltee waloofi biyya gara boqonnaa fedhii uummataan ijaaruutti ceesisa.

Itiyoophiyaan seenaa waggoota dheeraa keessatti qormaatilee siyaasaafi ijaarsa biyyaa hedduu dabarsiteetti.

Yeroo baay’ee gaaffileen fi garaagarummaan siyaasaa kan hiikaman tarkaanfii humnaan yookaan ammoo walitti bu’iinsaan ture.

Adeemsi badii akka kanaa biyyattiin nageenya waaraafi diimookiraasii akka hin mirkaneeffanneef gufuu ta’aa tureera.

Mariin biyyaalessaa qindeessummaa Koomishinii Marii Biyyaalessaan eegalame garuu seenaa dabe kana kan sirreessu, garaagarummaa mariin furuufi aadaa siyaasaa ammayyaa ni cimsa abdii jedhu qabatee dhufeera.

Sababoota gurguddoo siyaasni Itiyoophiyaa bu’uurarraa akka jijjiiramu taasisan keessaa waltajjiin marii kun hirmaannaa uummataa bal’aa argachuu isaati.

Ajandaaleen aanaalee kuma 1 fi 234 ol irraa walitti qabaman fi murtoowwan yaa’ii marii hirmaattota kuma 4 hirmaachisuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffama jiru sagalee uummataa guddisanii kan mul’isanidha.

Adeemsa marichaan dhimmoonni biyyaalessaa murteessaa ta’an bilisummaan ka’uun isaanii sirna aangoon siyaasaa humnaan osoo hin taane fedhii uummataa qofaan ittiin argamu ijaaruuf bu’uura kaa’a.

Mariin kun waltajjii waloo waldhabdeewwan siyaasaa karaa nagaan furuufi hariiroo hawaasummaa ijaaruuf qophaa’edha.

Adeemsi isaa tarkaanfii seena qabeessa dhaloota egereef biyya tasgabbooftee fi ammayyoofte dhaalchisuuf taasisfamu waan ta’eef qaamoleen hundi deeggaruu qabu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.