Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila Masoob biyyoota Afrikaa biroon muuxannoon irraa fudhatamaa jiru…

Finfinnee, Hagayya 4, 2018 (FMC)- Tajaajilli Mootummaa qindaa’aan Itiyoophiyaan kennitu biyyoota Afrikaa biroofis muuxannoon kan irraa fudhatamuudha jedhan Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Masob Federaalaa Obbo Yoonaas Alamayyoon.

Ambasaaddaroonni biyyoota garaagaraa tajaajila mootummaa saffisaa fi mijataa kennaa kan jiru Tajaajila Masob Federaalaa daawwataniiru.

Obbo Yoonaas Alamayyoo daawwattootaaf ibsa kennaniin, muuxannoon Itiyoophiyaan tajaajila mootummaa walitti qindaa’e ittiin kennitu biyyoonni Afrikaa biroo sirna tajaajila mootummaa teeknooloojiin deeggarame akka ijaaran gargaara jedhan.

Kanaan dura tajaajilonni mootummaa bakka adda addaatti kennaman, lammiileen tajaajila barbaadan argachuuf dhaabbilee hedduu keessa naanna’uun yeroo fi maallaqa isaanii qisaasaa turu yaadachiisan.

Rakkoo kana furuuf,Tajaajilli giddugala tokkoo dhaabbilee mootummaa fi tajaajiloota garaagaraa giddugala tokko keessatti walitti qindeessuun sirna tajaajila bakka tokko irraa kennamu hojiirra oolchuu dubbatan.

Tajaajilichi jalqabarratti giddugala tokko irraa kennamuu kan eegale ta’uu ibsuun, gara tajaajila socho’aa, tajaajila mana- manaa fi akkasumas gara waltajjiiwwan dijitaalaatti babal’achaa dhufuu ibsaniiru.

Dabalataanis, Masoob muuxannoo tajaajila dijitaalaa bakka tokko irraa kennamu daangaa Itiyoophiyaa bira darbee biyyoota biroo keessatti babal’isuuf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Fuuldurattis, Jibuutii, Sudaan Kibbaa, Keeniyaa fi biyyoota Afrikaa biroo waliin damee tajaajila mootummaa dijitaalaa irratti walitti dhufeenya uumuu fi sirna dijitaalaa sadarkaa ardii ijaaruuf hojjechuuf kayyoo qabaachuu hubachiisuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.