Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa galii Birrii Biiliyoona 100 fi biiliyoona 18 ol argate
Finfinnee, Hagayya 1, 2018 (FMC)-Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa bara baajataa 2018 maddoota galii garaagaraarraa galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 18 .91 argateera.
Hojii raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Injiinar Geetuu Garramawu ibsa kennaniin, galichi gurgurtaa inarjii, simannaa maamiloota haaraa, gurgurtaa meeshaalee garaagaraa fi maddoota galii adda addaarraa argamuu dubbataniiru.
Haaluma kanaan gurgurtaa inarjiirraa galii Birrii biiliyoona 75.17 argachuuf karoorfamee galiin Birrii biiliyoona 76.53 argamuu ibsaniiru.
Dabalataniis simannaa maamiloota haaraarraa galiin Birrii biiliyoona 39.23, meeshaalee gurguraman irraa galii Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoonni 75 argamuu kaasaniiru.
Akkasumas maddoota galii adda addaarraa galiin Birrii biiliyoona 2.68 argamuun eerameera.
Dhaabbatichi diinagdee magariisaa fi imala diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf tattaaffii taasifamuuf gahee isaa bahachaa jiraachuus ibsaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.