Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 2ffaan har’aa eegaluun taphatamu
Finfinnee, Onkololeessa 3, 2019 (FMC) –Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 2ffaan taphni har’a Atileetikoo Maadriid Maanchiister Yuunaayitiid, Arsenaal ammoo Liil taasisan ni eegamu.
Har’a sa’aatii 1:45 eegalee Leensi – SCP, Sabah ammoo Islaaviyaa Parahaa waliin taphatu.
Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Atileetikoo Maadriid – Maanchiister Yuunaayitiid , Arsenaal ammoo Liil waliin falmatu.
Akkasuma Gaalaataasaraay – Baarseloonaa, RB Leepziing – PSV, Viking – Baayerni Muunik, Viiraaliyaal – Naappoolii, Inter Miilaan Kilab Biruuji waliin morkatu.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa