Fana: At a Speed of Life!

Tiraakiin fiigichaa Istaadiyeemii Finfinnee xumuramuun atileetotaaf baname

Finfinnee, Ebla 7, 2018( FMC)- Tiraakiin fiigichaa Istaadiyeemii Finfinnee xumuramuun waggoota 8 booda guyyaa har’aa atileetota dorgommii idil-addunyaa Giraandi Pirii Finfinneetti gaggeeffamu irratti hirmaataniif banameera.

Istaadiyeemichi waggoottan darban sababa hojii haaromsaan tajaajila dhaabee kan ture yoo ta’u yeroo ammaa bifa haaraan haaromfamee dorgommiifi shaakalaaf banamuun ibsameera.

Ministeerri Aadaafi Ispoortii dorgommiin Giraandi Pirii Finfinneetti Sanbata dhufu gaggeeffamu akka milkaa’uuf haaromsi ‘Meemii’ fiigichaa yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu taasisuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.