Fana: At a Speed of Life!

Waadaa ummataaf galle yeroo kamiiyyuu caalaa ga’umsaan raawwachuuf murannoo olaanaan ni hojjenna – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Waadaa ummataaf galle yeroo kamiiyyuu caalaa ga’umsaan raawwachuuf murannoo olaanaan ni hojjenna  jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Oromiyaa cimte, badhatee, caalmaatti tokkummooftee fi waaromte ijaaruuf ni hojjenna jedhan obbo Shimallis sirna kakuu erga raawwatanii haasawa taasisaniin.

Dhugaa, haqaa fi fayyadamummaa ummata keenyaaf murannoon hojjechuuf waadaa galleerra.
Aarsaa kaleessaa caalaa abdii boruun haa gannu, egeree haa dhugoonsinu jechuun ibsa.

Imaanaa ummataa yaada mootummaa ida’amuun masakamuun hojjechuun injifannoo caaluuf ni hojjenna jedhan.

Siifan Magarsaatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.