Waaliyaawwan har’a Moozaambiik waliin taphatu
Finfinnee, Sadaasa 4, 2019 (FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa gulaallii waancaa Afrikaa marsaa 3ffaa har’a gita isaa Moozaambiik waliin taphata.
Gulaallii Waancaa Afrikaa 36ffaaf ramaddii ‘J’ jalatti kan ramadaman Waaliyaawwan tapha marsaa 3ffaa har’a waaree booda sa’aatii 10:00 eegalee Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Moozaambiik waliin taphatu.
Taphni kun Moozaambiik Maapuutoo Istaadiyeemii Ziimpeettootti taphatama.
Itiyoophiyaan taphoota 2 ramaddii lama taphatteen Sudaaniin galchii 1 fi 0’n akkasumas Seenaagaaliin galchii 1 fi 0’n injifatamte.
Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Seeneegaal qabxii 7’n ramaddicha yoo dursitu, Moozaambiik qabxii 4’n sadarkaa 2ffaa, Sudaan qabxii 3’n sadarkaa 3ffaa yoo qabattu, Itiyoophiyaan qabxii hin arganne.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa