Waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’el fi Iraan…
Finfinnee, Waxabajjii 2, 2018(FMC)- Furmaata waaraa hin argatiin kan jiru waraanni Israa’el fi Iraan ammas rakkoo naannawichaafi addunyaa ta’ee itti fufeera.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu biyyoonni lameen baatii Eeblaa darbe keessa irra gahaniin yeroo muraasaafis ta’u muddamni naannawichaa xiqqoo qabbanaa’ee ture.
Waraanni biyyoota lameenii guyyaa kaleessaa akka haaraatti irra deebiin eegale muddama naannawichaa hammeessuu akka danda’u sodaatamuu BBC’n gabaaseera.
Guyyaa kaleessaa Iraan Israa’el irratti haleellaa miisaa’elaa kan raawwatte yoo ta’u, Israa’el ammoo buufataalee waraanaa Iraan irratti haleellaa qilleensarraa raawwatteetti.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyoonni lameen waraana akka haaraatti eegalan kana akka dhaaban gaafataniiru.
Biyyoonni lameenis waliigalteen dhukaasa dhaabuu irra deebiin yoo sarbame irraan kan hafe haleellaa kamiinuu akka hin raawwanne guyyaa har’aa beeksisaniiru.
Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamiin Neetaaniyaahuun ibsa kennaniin, haleellaan qilleensarraa Iraan irratti raawwatamu yeroof dhaabbachuu beeksisaniiru.
Haa ta’u malee hojii maneen Iraan fi Heezboollaa waliin qaban akka hin xumuramne ibsan.
Waraanni Iraan gama isaan, haleellaa Teehraan Israa’el irratti raawwattu dhaabbachuu ifoomseera.
Biyyoonni lameen qaamni tokko waliigaltee dhukaasa dhaabuu kana yoo hin kabajne haleellaa wal irratti raawwatan cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.
Pireezidaanti Doonaald Tiraamp waraanni biyyoota lameen gidduutti akka haaraatti ka’e kun dhaabbachuu isaa dinqisiifachuun, mariin Ameerikaafi Iraan gidduutti adeemsifamaa jiru haala gaarii irratti kan argamu ta’uu eeraniiru.
Bu’aan marichaas qaama hundaaf faayidaa qabeessa ta’uu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia