Walwaraansa Sudaaniif furmaata Afrikaa barbaaduuf hojjechaan jira – IGAD
Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) – Walwaraansa Sudaaniif furmaata Afrikaa barbaaduuf hojjechaan jira jedhe Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa.
Rakkoo biyyattii waaraan furuuf qaamolee fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibse.
IGAD, dhimma Sudaan irratti kan mari’atu walga’ii marsaa 3ffaa Ergamtoota Addaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobitti gaggeessera.
Gaaga’ama Sudaan mudate furuuf tattaaffiwwan, tumsaa fi kallattii yeroo itti aanurratti mari’atameera.
Gaaga’amni biyyattii mudate furmaata waaraa akka argatu dhaabbilee naannawaa, idil addunyaa fi qooda fudhattoota waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuu marichaan ibsameera.
Biyyoota miseensa dhaabbatichaa, Gamtaa Afrikaa fi Awurooppaa, dhaabbilee nageenya buusuuf hojjetan waliin tumsaan kan hojjetamu ta’uu mirkaneesseera.
Miikiyaas Ayyalaatiin