Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Ayyaana Masqalaa Ilaalchisee Ergaa Baga Geessanii Dabarse

Finfinnee, Fulbaana 16, 2019 (FMC) – Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Ayyaana Masqalaa Ilaalchisee Ergaa Baga Geessanii Dabarseera.

Barreessaan waliigalaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa, Qeesiis Taagaayi Taaddalaa ergaa dabarsaniin Ayyaanni Masqalaa jaalala qabatamaan mul’ate, mallattoo badhaasa amanamummaa fi cichoominaa ti jedhan.

Ayyaanni Damaraa fi Masqalaa waggaa waggaan Fulbaana 16 fi 17 kabajamu, faayidaa seenaa fi hafuuraa bira darbee, ummanni keenya tokkummaa, jaalalaafi nagaan akka waliin jiraatu gumaacha guddaa kan taasisu, akkasumas duudhaa biyyaalessaa fi amantii guddaa ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanni kun karaa Fannoo Iyyasuus Kiristoosiin injifannoo itti arganne, nagaan itti lallabame, akkasumas jaalala Waaqayyo ilma namaaf qabu kan daangaa hin qabne hojii keessatti itti argine ta’uu eeraniiru.

Ayyaanni Masqalaa fi Damaraa, Itiyoophiyaanota sanyii, gosaa, afaanii fi garaagarummaa amantiin osoo hin daangeessin tokkummaan kan walitti fidu, akkasumas bu’uura walitti dhufeenya hawaasummaa guddaa ta’ee waggoota dheeraaf tajaajilaa kan jiru ta’uu Barreessaan Olaanaan Yaa’ichaa ibsaniiru.

Ayyaanni kun walitti dhufeenya hawaasummaa, keessummeessummaa fi duudhaalee aadaa Itiyoophiyaa addunyaaf kan beeksisu hambaa guddaa ta’uu isaatiin, hafuura jibbaa fi walitti bu’iinsaa dhabamsiisuun, qilleensi dhiifamaa fi nagaa akka babal’atuuf kadhannaadhaan cichanii hojjechuu, akkasumas waa’ee nagaa barsiisuun itti gaafatamummaa amantii fi biyyaalummaa bahuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.