Fana: At a Speed of Life!

Yaaliiwwan haleellaa saayibarii kumni 50 ol fashalaa’an

Finfinnee, Ebla 21, 2018 (FMC) – Baatiiwwan saglan darban keessa yaaliiwwan haleellaa saayibarii kumni 50 ol fashaleessuun danda’ameera jedhan Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo aadde Tigist Hamiid.

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo yaaliiwwan haleellaa fashaleessuun hojii birmadummaa diijitaalaa eegsisuu gahumsaan bahachaa akka jiru gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan saglan darbanii dhaabbatichaa irratti ibsaniiru.

Raawwiin kun mul’ata ‘Diijitaala Itiyoophiyaa 2030’ gama milkeessuun, nageenya biyyaalessaa mirkaneessuun akkasumas dhiibbaa biyyattiin nageenya saayibariin qabdu gama guddisuutiin hiikkaa guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Baatiiwwan saglan darban keessa haleellaawwan saayibarii dhaabbilee ijoo ta’an irratti agaamaman guutummaatti fashaleessuun akka danda’ame yaadachiisaniiru.

Ce’umsa diijitaalaa Itiyoophiyaa dandeettii ofiin hogganuufi hirkattummaa alaa hir’isuuf hojiileen oomishaalee teeknooloojii fi furmaatawwan mandhalee misoomsuufi dhaabbilee garaagaraa hidhachiisuu cimee itti fufuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.