Fana: At a Speed of Life!

Yunivarsiitichi nageenyaa fi faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf wiirtuu ijaarsa dandeettii murteessaa dha

Finfinnee, Adoolessa 22, 2018 (FMC) — Yunivarsiitiin Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa, hojiiwwan nageenyaa fi faayidaa Itoophiyaa eeguuf hojjetaman keessatti wiirtuu ijaarsa dandeettii ijoo ta’uun tajaajilaa jira.

Itti-aanaan walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimma Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Dooktar Fatiih Maahidii akka dubbatanitti, yunivarsiitichi adeemsa faayidaa biyyaalessaa fi nageenya biyyattii mirkaneessuuf jalqabame caalaatti ni cimsa.

Bu’uuraaleen misoomaa, sirni barnootaa, malli barsiisuu fi dandeettiin waliigalaa yunivarsiitichaa dhaabbata Itiyoophiyaa waliin madaalu ijaaruuf kan dandeessisan ta’uu ibsaniiru.

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa ergama biyyaalessaa itti kenname ba’achuuf ga’umsa gahaa akka qabaatuufis yunivarsiitichi dandeettii olaanaa akka uumu ibsameera.

Miseensi Koree Dhaabbii fi dura taa’aan Koree Xiqqaa Dhimma Ittisaa fi Nageenyaa, Obbo Saadiq Adam, yunivarsiitichi damee qorannoo fi qo’annoo keessatti gahee isaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuun, bu’uuraalee misoomaa barnootaa fi leenjii kennuuf mijataa ta’an guutuun, dhaabbata abdii guddaan irraa eegamu ijaaruuf danda’amuus agarsiisaniiru.

Odeeffannoon Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Faanaa Diijitaaliif erge akka mul’isutti, miseensonni Koree Dhaabbii Dhimma Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, yunivarsiiticha daawwachuu bira darbee, hoggantoota dhaabbatichaa waliin Adhaaraa Magariisaa kaa’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.