Fana: At a Speed of Life!

Oomisha qamadii Itiyoophiyaa- Wabii Midhaan Nyaataa Mirkaneessuun Olitti

Finfinnee, Fulbaana 12, 2019(FMC) – Oomishni qamadii jallisii bonaa fi gannaa Itiyoophiyaan waggoota dhiyoo as babal’iste guddina dinagdee fi wabii nyaataa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi utubaa cimaa ta’eera.
Ragaaleen Ministeera Qonnaa Itiyoophiyaafi Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa (FAO), akkasumas Dhaabbanni Misoomaa fi Qonnaa Ameerikaa (USDA ) gumaacha misooma qamdii ilaalchisee jiru kan mul’isu bu’aan galmaa’aa jiru biyyattii boqonnaa kadhaa kaleessaa keessaa baasee, bonaa fi gannaan qamadii oomishtee wabii nyaataa mirkaneeffachuu bira darbuun, al ergiidhaaf oolchuudhaan boqonnaa seenaa haaraa saaquu dandeesseetti.

Raawwiin oomisha qamadiitiin galmaa’e injifannoo guddaa miira ni danda’amaa mirkaneesse fi humna misoomaa guddaa mul’se , biyyattiittis kabaja kan horee dha.

Gama Wabii Nyaataa Mirkaneessuu fi of danda’uutiin injfannoon galmaa’e fedhii oomisha qamadii alaa gala ture kan biyya keessaan bakka buusuu dha.

Kanaan dura Itiyoophiyaan fedhii qamadii ishee keessaa %30 biyya alaatii kan galchitu yoo ta’u, waggaatti kuntaala miiliyoona 15 hanga 20 ol deeggarsaan fi bittaan galchaa akka turte ragaaleen ni mul’isu.

Bu’aan kun kan dhufe omishaafi omishtummaa qamadii foyyeessuuf Tarsiimoo Misooma Seektara Qamadii mootummaan Itoophiyaa tolfatee hojjechaa jiru bu’uureffatee ti.

Leecalloowwan omisha qamadiif barbaachisan kanneen akka deeggarsa eksiteenshinii, misooma jallisii babal’isuu, galtee barbaachisan dhiyeessuufi gariin ammoo sirna qonnaa ammayya’aa ta’e hojiirra oolchuurratti fuulleffatee hojiin hojjetame qaama tarsiimoo kanaa ti.

Ragaan Ministeera Qonnaa akka mul’isutti, inisheetiivii kanaan Itiyoophiyaan qamadii alaa galchitus ta’e deeggarsaan argachaa turte hambisuun fedhii lammilee ishee biyya keessaan guutummaatti guuttachuu dandeessetti.

Akka gabaasa qorannoo qonnaatti, lafti qamadiin uwwifame hektara miiliyoona 7.8 hanga miiliyoona 8 ol gaheera. Kunis bal’ina lafa biyya Iskootilaand (Scotland) kan caaluu dha.

Inniisheetiiviin Jallisii Bonaatiin Bara 2011 lafa hektara 3,500 qofaan eegalame, bara oomishaa kanatti jallisii qofaan lafti hektara miiliyoona 2.7 ol qamadiin uwwifameera.

Baay’ina Oomishaanis Itiyoophiyaan waggaatti qamadii toonii miiliyoona 31.8 hanga miiliyoona 33 (kuntaala miiliyoona 318 – 330 ol) galmeessisuun Afrikaa keessattti oomishtuu qamadii adda duree taateetti. Kunis oomisha qamadii biyya Gibxii, kan kanaan dura Afrikaatti sadarkaa jalqabaa irra ture, dachaa sadii oliin kan caaluu dha..

Gama Oomishtummaanis jijiiramni dhufe dhaabbilee adda addaan raga ba’amuuf ga’eera.

Teeknooloojii sanyii filatamaa fi qonna kilaasteraa fayyadamuun oomishtummaan biyyattii giddu-galeessaan hektara tokko irraa gara kuntaala 40 akka gahe ragaaleen ni agarsiisu.

Oomishi qamadii biyya keessaa kun gama sharafa qlaa qusachuu fi argamsiisuutiinis bu’aa ajaaybsiisaa galmeessisuun dinagdee biyyaa tumsaa jira.

Itiyoophiyaan bittaa qamadii biyya alaaf wagga waggaan doolaara miiliyoona 600 hanga biliyoona 1 baasaa kan turte yoo ta’u, oomishni biyya keessatti argamaa jiru baasii maallaqaa kana guutummaatti hambiseera.

Oomishtummaan qamadii waggaa dhaa waggaati guddachaa dhufe kun fedhii biyyaa keessaa guutuu irra darbe gabaa alaatti ergamuun sharafa alaa argachuu jalqabuun ishee seenaa haaraa gama kanaan galmaa’e keessaa ti.

Ragaan USDA akka agarsiisutti, oomishni qamadii Itiyoophiyaa bara oomishaa 2018/19 meetirik toonii miiliyoona 7.0 ni gaha jedhamee tilmaamama. Kunis oomisha waggaa darbeerraa dhibbeentaa 8’n guddachuu agarsiisa.

Sababni guddina kanaas babal’ina qonna jallisii, teeknooloojii sanyii filatamaa, hojii qonna kilaasteraa fi mala qonnaa makaanaayizeeshinii qonnaan bultoota biraan ga’uudha.

Akka gabaasa Dhaabbata Qonnaa fi Nyaataa Addunyaa(FAO )tti Itiyoophiyaan qamadii oomishuun cehumsa saffisaa keessa galuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya taateetti.

Milkaa’inni kun Yaa’ii Ce’umsa Misooma Qamadii Afrikaa irratti dinqisiifatamuun kan yaadatamuu dha.

Milkaa’ina kana bu’ureeffachuun FAO’n Ministira Muummee Itiyoophiya Dooktar Abiy Ahimadiin badhaasa “Agricola Medal” badhaasuun kan yaadatamuu dha

Walumaagalatti, oomishni qamadii kun dinagdee Itiyoophiyaa hirkattummaa jalaa baasuu, wabii midhaan nyaataa lammilee mirkaneessuu, fi indaastriwwan biyya keessaa jajjabeessuun guddina ariifataa fiduu bira darbee, maqaa hiyyummaa biyyattiif kennamaa ture jijjiiruun kabaja itti horeera.

Omishaa fi oomishtummaan misooma qamadiin galmaa’e kun akkuma birmaddummaa fi maqaa gaarii biyyattii kabajchiiseetti caalmaatti akka itti fufuufi dameelee biroottis akka babal’atuuf qonnaan bultoota irraa eegalee qooda fudhattoota hunda irraa gahee guddaatu eegama.

Yoonaataan Biraanuutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.