Aanaa Minjaar Shankooraatti riqichi jiguun lubbuun namoota 36 darbe
Finfinnee, Fulbaana 21, 2018 (FMC) – Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Shawaa aanaa Minjaar Shankooraa Arartii Maariyaamitti riqichi ce’umsaaf ijaarame jiguun hanga ammaatti lubbuun namoota 36 darbeera.
Ajajaan Poolisii aanichaa Inispeektar Ahimad Gabayyoon akka ibsanitti, balichi kan mudate wayita hordoftoonni ijaarsa bataskaanaa aanichatti ijaaramaa jiru daawwatanitti.
Hangi namoota lubbuun isaanii darbee dabaluu akka danda’u ibsaniiru.
Balaa Kanaan namoonni 200 ol miidhamuufi hospitaala Arartiitti yaalamaa jiraachuus eeraniiru.
Alaayyuu Garramootu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.