Mootummaan riqichi ijaarsaa jiguun balaa lubbuu namaa irra ga’een gadduu ibse
Finfinnee, Fulbaana 21, 2018 (FMC) – Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa magaalaa Arartiitti Mana Amantaa Arartii Maariyaa ijaaramaa jiru irra riqichi ittiin olba’uuf tolfame jiguun lubbuu namootaa darbeef mootummaan gadda itti dhaga’ame ibseera.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa balaa kanaan namoota lubbuu isaanii dhaban fi miidhaan cimaa fi salphaan kan irra ga’e hedduu ta’uu eeree, miidhaa qaqqabeef gadduu isaa ibseera.
Tajaajilichi ibsa gaddaa dabarseen maatiiwwan miidhaan qaqqabeef jajjabina, warreen yaala irra jiraniif ammoo ariitiin akka bayyaannatan hawwii qabu ibseera.
Itiyoophiyaan ijaarsa hunda galeessarra jiraachuu eeree, hidhawwan gurguddoo irraa eegalee hanga ijaarsawwan dallaa manaa nama dhuunfaatti jiran yeroo ijaaraman nageenyaaf dursa kennuun barbaachisaa ta’uu Tajaajilichi hubachiiseera.
Daawwannaawwan bakkeewwan ijaarsaatti geggeeffamanis qajeeltoowwan nageenya hojiirraa akka kabajan gochuun barbaachisaa ta’uu akeekkachiiseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.