Ayyaana Irreechaa haala ho’aa ta’een kabajuuf qophiin taasifame
Finfinnee, Fulbaana 21, 2018 (FMC) – Dhaabbileen Nageenyaafi Tasgabbii Ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Harsadee milkaa’inaan akka kabajamaniif qophiin xumurameera jedhan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa, Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa, Poolisiin Magaalaa Finfinnee, Poolisiin Oromiyaafi qaamoleen nageenyaafi tasgabbii biroon haala kabaja ayyaanichaafi dhimmoota hojjetamuu qaban irratti mari’ataniiru.
Ajajaan Qajeelcha Ittisa Yakkaa Poolisii Federaalaa Itti aanaan Komishinaraa Jeneraal Malaakuu Faantaa akka jedhanitti, Ayyaanni Irreechaa milkaa’inaan kabajamee akk xumuramuuf qophiin taasifameera.
Haaluma Kanaan humna namaa gahaa ramaduun hojiin yakka dursanii ittisuufi to’achuu teeknooloojiin deeggaramee kan hojjetamu ta’uu hubachiisan.
Ayyaanichi milkaa’inaan akka kabajamuuf gaheen qindeessitoota qophiifi hirmaattota ayyaanichaa olaanaa ta’uus eeraniiru.
Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw gamasaaniin, Ayyaanichi Magaalaa Finfinneef miidhagina ta’uurra darbee waliin jireenya uummataaf agarsiistuu gaarii ta’uu kaasaniiru.
Ayyaanicha haala ho’aa ta’een kabajuuf Koreewwan kabaja Ayyaanichaa, Gumii Abbootii Gadaa Oromoo, Haadholii Siinqeefi Foolleewwan waliin ta’uun qophiin nageenyaa ayyaanicha madaalu taasifamuu dubbatan.
Ayyaanicha kabajuuf hirmaattonni hedduun bakkeewwan garaagaraa irraa gara magaalichaa kan dhufan ta’uu eeranii, nageenya waloof jecha sakkatta’iinsi kan jiraatu ta’uu hubachiisaniiru.
Hawaasni akkuma Kanaan duraa qaamolee nageenyaa bira dhaabbachuun gaheesaa akka bahatu gaafatanii, meeshaalee ayyaanicha waliin wal hin qabanne qabatanii gara iddoo ayyaanichi itti kabajamu dhufuun dhorkaa ta’uus ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa ammoo kutaalee magaalaa hundatti miseensonni raayyaa nageenyaa hubannaa gahaa qabaachuun gara hojiitti bobba’uu eeraniiru.
Hawaasni wantoota soda nageenyaaf shakkisiisoo ta’an wayita argu ariitiin qaamolee nageenyaaf eeruu akka kennuu gaafachuu isaanii Daayrektarri Hariiroo Uummataa Qajeelcha Waliigalaa Poolisii Finfinnee Koomaandar Maarqoos Taaddasaa Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.
Tajaajila Poolisii argachuuf appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee Poolisii Federaalaan misoome dabalatee toorawwan bilibilaa 011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 akkasumas toorawwan bilbila bilisaa 987, 991 fi 816 fayyadamuun akka danda’amu yaadachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.