Yuuniivarsiitiin Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa maqaa fi hojimaata isaa jijjiire
Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC)-Yuuniivarsiitiin Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa maqaa fi hojimaata koo jijiiire jedhe.
Pirezidaantiin Yuuniivarsiitichaa Dooktar Nigus Taaddasaa ibsa kennaniin, dhaabbatichi imala boqonnaa 2ffaan hojimaataa fi maqaa haaraan dhufuu dubbatan.
Haaluma kanaan Yuuniivarsiitii Siivil Sarvisii jedhamaa kan ture gara maqaa Yuuniivarsiitii Pabilik Sarvisii Itiyoophiyaatti jijjiramuu ibsaniiru.
Hojimaataan walqabatees Yuuniivarsiitichi waggoottan darban hojjettoota mootummaa qofa simatee barsiisaa akka ture yaadachiisanii, hojimaata haaraa kanaan barattoota kutaa 12ffaa xumuranii fi ulaagaa Ministeerri Barnootaa baasu kan guutan akkasumas eebbifamtoota dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa fi mootummaa irraa simachuun kan barsiisu ta’uu ibsaniiru.
Yuuniivarsiitichi bulchiinsaa fi geggeessummaan dameewwan riifoormii biyyattiin ittiin hogganamtuun, Faayinaansii, Ikonoomiksii, Dijiitaalaayzeeshinii fi kalaqaa irratti xiyyeeffannaan hojjechaa jira jedhan.
Of ammayyeessuunis dhaabbata dorgomaa ta’uu irra darbee giddugala leenjii biyyaalessaa hundeessuun lammii ga’umsa qabu horachuuf akka hojjetus eeraniiru.
Yuuniivarsiitichi ofiin of bulchuuf adeemsa eegaluu eeranii, dhimmoota seeraan walqabatan erga xumuree booda yeroo dhiyootti maqaa haaraa kana qofaan akka waamamu hubachiisaniiru.
Abeel Niwaayiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.