Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa gartokkeen cufamanii turan tajaajila idilee eegalan
Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Manneen Murtii Naannoo Oromiyaa wayita gannaa gartokkeen cufamanii turan har’aa kaasanii tajaajila idilee kennuu eegalaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Yaa’ii Bulchiinsa Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa Abbaan Seeraa Fayyeeraa Haayiluu akka beeksisanitti, ganna kana Manneen Murtii gartokkeen cufaa turan galmeewwan himannaa kuufamanii turan qulqulleessuun fi mirga lammiilee kabajchiisuuf dhaddacha dabareen tajaajila adda addaa kennaa turaniiru.
Manneen Murtii aanaa 331 fi Manneen Murtii Olaanoon 25 naannichatti argaman har’a tajaajila idilee isaanii ifatti eegalaniiru jedhan.
Tajaajilli abbaa seerummaa har’a manneen murtii hundatti eegale kun bu’a-qabeessummaa sirna haqaaf akka gumaachuuf abbootiin seeraa fi hojjettoonni deggertoonni tajaajila qulqulluu fi si’ataa kennuun ga’ee isaanii ba’uuf akka tattaafatanis hubachiisaniiru.
Kutaalee dhaddachaa dulloomoo tajaajila abbaa seerummaaf hin miijanne miijessuufis hojiin babal’inaa fi fooyya’iinsaa manneen murtii adda addaatti hojjetamuu dubbataniiru.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.