Dooktar Abiy Ahimad pirojektii waggaatti gaazii uumamaa liitira miiliyoona 100 fi miiliyoona 11 oomishuu danda’u eebbisan
Finfinnee, Fulbaana 22, 2018(FMC)- Dooktar Abiy Ahimad pirojektii waggaatti gaazii uumamaa liitira miiliyoona 100 fi miiliyoona 11 oomishuu danda’u eebbisaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Naannoo Somaalee Kaalubitti Pirojektii gaazii uumamaa dhangala’aa Ogaadeen marsaa jalqabaa waggaatti gaazii liitira miiliyoona 100 fi miiliyoona 11 oomishuu danda’u eebbisneerra jedhan.
Bifuma walfakkaatuun ijaarsa marsaa lammaffaa waggaatti gaazii liitira biiliyoona 1.33 oomishuu danda’u eegalchiisuu eeraniiru.
Oomisha gaazii uumamaa dhangala’aarra darbee damee maddisiisa humnaanis dandeettii meegaa waatii kuma 1 qabaachuun gahee olaanaa qabaata jedhan.
Pirojektichi gaazii qofa kan oomishu akka hin taane kaasanii, galtee oomisha xaa’oof murteessaa ta’e dhiyeessuun tattaaffii walabummaa nyaataa keenyaaf dhagaa golee ta’ee tajaajila jechuun ibsaniiru.
Madda humnaafi hojiilee kiriptoo maayiniingiif galteewwan barbaachisoo ta’an kan dhiyeessu ta’uu eeranii, guyyaa har’aa Naannoo Somaaleetti kan eegalle ijaarsa bu’uuraalee misoomaa walqabatan waliin waliigala pirojektoonni gurguddoon Doolaara biiliyoona 10 hordoffii barbaachisaan xumurarra ni gahu jedhaniiru.
Kan eegalle xumuruuf yeroo hunda cichoominaan akkuma hojjenne xumuramanii tajaajilaaf kan gahan ta’u jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.