Badhaadhina Itiyoophiyaa osoo hin mirkaneessiin aara hin galfannu- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 22, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad badhaadhina Itiyoophiyaa osoo hin mirkaneessiin aara hin galfannu jedhan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita dhagaa bu’uuraa ijaarsa warshaa xaa’oo fi warshaa Godee boba’aa calalu kaa’an, Itiyoophiyaanonni sadarkaa badhaadhinaarra gahuuf hojii keenya kutannoon eegallee cichoominaan hojjennee xumurra jedhan.
Kutannoon eegallee cichoominaan akka xumurruuf warreen kutannoon nu qeeqaniifi soban ni barbaachisu; isaan ni sobu nuti ammoo ni hojjenna, isaan ni odeessu nuti ni milkoofna; hojiilee keenya hundaan Itiyoophiyaa guddisna jechuun ibsaniiru.
Wayita Hidhi Haaromsaa eebbifame pirojektoonni gurguddoon Doolaara biiliyoona 30’tti siqan akka eegalchiifaman dubbatanii turuu yaadachiisanii, pirojektoonni kunneen qoratamanii, qophiin taasifamee maddi qabeenyaa adda bahuun shakkii tokko malee waggoottan shananiifi jahan dhufanitti kan raawwataman ta’uu ibsaniiru.
Pirojektoota kanneen keessaa guyyaa har’aa ijaarsi warshaa boba’aa calaluufi warshaa xaa’oo eegaluu eeraniiru.
Kana malees pirojektoonni warshaa niwukilaraa baasii Doolaara biiliyoona 5 hanga 7’n ijaaramaniif waliigalteen mallatteeffamuu kaasanii, damee daandii qilleensaanis pirojektiin Doolaara biiliyoona 10’tti siqu eegalamuu ibsaniiru.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.