Dooktar Abiy Ahimad Sassaabbii Oomisha Qamadii Qonna gannaa daawwachuun qonna qamadii jallisii bonee eegalchiisan
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godina Shawaa Bahaatti Sassaabbii oomisha Qamadii Qonna gannaa daawwachuun qonna qamadii jallisii bonee eegalchiisaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, daawwannaan har’a Shawaa Bahaatti taasifne sassaabbii oomisha qamadii qonna gannaa gamaaggamuu fi eegalchiisa qonna qamadii jallisii bonee irratti kan xiyyeeffateedha jedhan.
Akkasumas paappayyaa, Muuzii fi Qurxummii kilaasteraan misoome daawwachuu ibsan.
Dooktar Abiy tooftaan oomisha aadaa duran ture ammas jiraachuu eeruun, bal’inaan qotuuf kan dandeessisuu meekaanaayizeeshiniin guddachaa deemuu isaan dandeettii oomishtummaa naannawichaa guddisaa jira jedhan.
Hojmaata duran ture duubatti deebi’uun wayita gamaaggamnuu tooftaa ammayyaa akkanaa kanaan dura osoo eegallee oomishni qonnaa sadarkaa olaanaan ni fooyyaa’a ture jedhan.
Har’a oomishtummaa waggaa waggaan dabalaa jiru ilaallaa jirra jechuun dubbataniiru.
Guddachuuf deeggarsi alaa kamuu hin dhufu, jijjiiramni dhugaa biyya keenyaa kan hogganamu cichoomina, kalaqaa fi dhamaatii keenyaani jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.