Fana: At a Speed of Life!

Jijjiiramni damee qonnaa Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti gargaaramtummaarraa akka baatu agarsiistuudha- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan jijjiiramni damee qonnaa Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti gargaaramtummaarraa akka baatu agarsiistuudha jedhan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon guyyaa kaleessaa Godina Shawaa Bahaatti sassaabbii oomisha qamadii gannaa daawwachuun sagantaa jalqabsiisa oomisha qamadii bonee eegalchiisaniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaan daawwannicha ilaalchisee yaada kennaniin, misoomni Qamadii, Paappaayyaafi Muuzii godinichatti hojjetamaa jiru abdii kan namatti horudha.

Naannawichi sagantaa seeftiineetiin hammatamee gargaaramaa akka ture kaasanii, yeroo ammaa hojiin misooma qonnaa dinqisiisaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Godinichatti oomishni qamadii kompaayinaraan sassaabamaa jiraachuu fi kana cinaatti misooma qamadii boneef hojiin qophii lafaa hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.

Naannawichi hanqina bishaanii fi haala qilleensaa ho’aa qabaatus bishaan lafa jalaatti fayyadamuun hojiin hojjetame qonnaan bulaan gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti cehaa jiraachuu agarsiisa jedhan.

Misoomni naannawichaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad “Itiyoophiyaan qabeenya namaafi uumamaa qabaattee kadhachuu hin qabdu” kan jedhan qabatamaan kan mul’isudhas jedhaniiru.

Dabalataan badhaadhinnii fi bayyanachuun Itiyoophiyaa kan hin hafne ta’uu isaaf agarsiistuu ta’uu kaasanii, jijjiiramni damee qonnaa irratti argame Itiyoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti gargaaramtummaarraa akka baatu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.

Abeel Nawaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.