Ejjennoon Itiyoophiyaa karaa faayidaa warra kaanii hin miineeni – Dooktar Asfaawu Dingaamoo
Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2018 (FMC) – Itipophiyaan ejjennoo ishee kan adeemsistu bu’aa warra kaanii karaa hin miineeni jedhan Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Ambaasaaddar Dooktar Asfaawu Dingaamoo.
Ministirichi Faanaa Poodkaastiif akka ibsanitti, dhagaan bu’uuraa Hidha Haaromsaa utuu hin kaa’amin dura, biyyoota yaa’a oliifi biyyoota yaa’aa gadii waliin mari’atameera.
Ijiptii fi Sudaanis hidhichi akka isaan fayyadu sirriitti beeku jedhan.
Qorannoon qaama sadaffaa biyyoonni sadan miseensa itti ta’an dhaabbata “Intiro” jedhamuun qoratame akka mul’isuttis, dinagdeen Sudaan sababa Hidha Haaromsaan %24’n dabala.
Ijipti gama isheen dinagdeen ishee sababa Hidha kanaan %10’n akka dabalu Dooktar Asfaawu dubbataniiru.
Hidhichi harka bishaanii ittisuun, bishaan eegee tursiisuun, saasimaa gara hidhawwan biyyoota yaa’a gadiitti seenu hambisuu fi madda annisaa ta’uun ga’ee dinagdee fi dippilomaasii akka qabu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan yoomuu eenyuunuu miidhuuf fedhii akka hin qabnee fi gaaffiin ishee haqa-qabeessa akka ta’e hubachisaniiru.
Heenok Baqqalaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.