Konfiransiin qorannoo qonnaan bultootaa biiyyaalessaa kan jalqabaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Eebla 29, 2018 (FMC)– Konfiransiin qorannoo qonnaan bultootaa biyyaalessaa kan jalqabaa Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti gaggeeffamaa jira.
Konfiransichi qonnaan bultoonni muuxannoo jireenya qonnaa keessatti dabarsan kan itti waliif qoodan, beekumsa isaanii itti dhiyeessan, rakkoolee isaanii irratti mari’atanii fi damee qorannoo yuunivarsiitichaa irraa yaadni kan itti kennamu ta’uun ibsameera.
Pirezdaantiin yuunivarsiitichaa Dooktar Birhaanamasqal Xannaa yeroo kanatti akka jedhanitti, qonnaan bultoonni tattaaffii fi qulqullinaan badhaadhina Itoophiyaa kan mirkaneessaniidha.
Konfiransichi beekumsi lafa irratti jiru kan ittiin cimuu fi yaadni qonnaan bulaa irraa gara qonnaan bulaatti kan ittiin dhiyaatudha jedhaniiru.
Qonnaan bultoonni dhiyeessiin teknolojii gahaan osoo hin jiraatin, horsiisa loonii irraa hanga misooma midhaaniitti bu’aa galmeessisuuf gumaacha mataa isaanii ba’achaa jiraachuun waltajjicharratti ibsameera.
Adaanech Abbabaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia