Mootummaan jijjiiramaa riifoormii Miidiyaa gadi fageenyaan gaggeesseera – Haayimaanoot Zallaqaa
Finfinnee, Ebla 29, 2018 (FMC)- Mootummaan jijjiiramaa riifoormii Miidiyaa gadi fageenyaan gaggeesseera jedhan Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Haaymanoot Zallaqaan.
Jijjiiramaan dura dhaabbileen miidiyaa cabiinsa damdaneessa qabaachuu yaadachiisaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa cabiinsa kanneen suphuuf riifoormii miidiyaa gadi fageenyaan gaggeessuu kaasaniiru.
Jijjiiramoota riifoormii Kanaan argaman keessaas Abbaa Taayitaa Miidiyaalee itti waamamni isaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf ta’e hundeessuu, sirna hordoffii waloo miidiyaalee hundeessuu akkasumas waldaalee ogummaa damichi akka of to’atuuf dandeessisan babal’isuun warreen ijoo ta’uu eeraniiru.
Riifoormiiwwan kunneenis milkaa’inoota armaan gadii argamsiisuu hubachiisaniiru.
👉 Baay’inni miidiyaalee 122 irraa gara 310’tti guddateera,
👉 Buufataaleen Raadiyoo 52 irraa gara 126’tti guddataniiru,
👉 Buufataaleen Televizyinii 25 irraa gara 128’tti guddataniiru,
👉Waliinga’iinsi afaanii miidiyaalee 39 irraa gara 60’tti guddateera,
👉Miidiyaaleen alaa 35 fi miidiyaaleen hawaasaa 50 hammattummaa dirree miidiyaa Itiyoophiyaa uumuun milkaa’ina galmaa’eef agarsiistuudha.
#Oromia #Ethiopia