Kantiibaa Adaanech Abeebeen sosochii ququllinaa waqtii Gannaa eegalchiisan
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2018(FMC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen sosochii ququllinaa waqtii Gannaa bara 2018 eegalchiisaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen wayita kana hojiin qulqullinaa hojii guyyaa guyyaa mataa ofii, maatiifi naannoo irraa eegamu ta’uu qaba jedhan.
Magaalaan Finfinnee yeroo yeroon magariisa uffachaafi qulqullaa’aa akka jirtu eeranii, ammas taanaan iddoowwan xiyyeeffannoo barbaadan jiraachuu kaasaniiru.
Kanaaf hoggansi sadarkaan jiru, hojjettoonni, maatiin fi jiraattonni hojii qulqullinaa abbummaan hojjechuu akka qaban hubachiisan.
Sirna dhabamsiisa balfaa ammayyeessuuf xiyyeeffannoo olaanaan kennamuu kaasanii, sosochiin kun Finfinnee magaalaa mijooftuufi qulqulluu taasisuuf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Balfi goggogaan qabeenya waan ta’eef haalaan adda baasuun akkaataa sadarkaa idil-addunyaa eeggateen dhabamsiisuun barbaachisaadha jedhan.
Keessumaa waqtii Gannaa ujummoowwan balfa dhangala’oo dhabamsiisaniifi qabiinsi balfa goggogaa hawaasa dhibeef akka hin saaxilleef ofeeggannoo gochuun barbaachisaa akka ta’e kaasaniiru.
Gizaachoo Girmaayeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia