Fana: At a Speed of Life!

Barataa Yuunivarsiitii Madda Walaabuurraa qabxii waliigalaa 4:00 fiduun eebbifame

Finfinnee,Waxabajjii 20, 2018 (FMC) –‎Barataa Tolchaa Kabbadaa qabxii waliigalaa 4:00 fiduun Yuunivarsiitii Madda Walaabuurraa meedayilaa Warqee fi Waancaa badhaafamuu eebbifame.

Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu har’a Barattoota Ogummaa garagaraan barsiisaa ture kuma 1 fi 89 digrii jalqabaa fi 2ffaan eebbisiiseera.

Barataa Tolchaa Kabbadaan ogummaa Narsiingiin qabxii guutuu 4.00 fiduun badhaasa Waancaa fi Meedaaliyaa Warqeen eebbifameera.

Barataa Tolchaan koorsiiwwan 39 keessaa 25 ‘A+ fi warra hafan immoo ‘A’ fiduun qabxii waliigalaa (CGPA) 4.00 galmeessisuun eebbifame.

Olyaad Ahimadiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.